Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Raabsuuf Qophii Dha: Mootummaa Itiyoophiyaa  


Gargaarsa Raabsuuf Qophii Dha: Mootummaa Itiyoophiyaa  

Uummata Tigraay keessa jiruuf gargaarsa akkaan barbaachisaa ta’e nageenya biyooleessaa ituu balaa irra hin buusiin karaa nagaan dhaqqabsiisuuf qophii ta’u isaa mootuummaan Itiyoophiyaa ibsee jira.

Ibsa kaleessa baasee Kanaan, haleellaa Addi Bilisummaa Uummaata Tigraay ykn TPLF Adooleessa 18 bara 2021 daandii Semera -Abaalaa geessu irratti gargaarsa fe’amee ture irratti haaleellaa geesiisee mootummaan balaaleeffatee jira.

Dubbii himaan barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Gtarrees kaleessa akka jedhanti, konkoolaataan gargaarsa gara Tigraayiiti geessan nagaan ituu waa irra hin ga’iin darbuun isaa yaaddoo iddoo duraa qabatee jedhanii turan jechuun Addis Chekol gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG