Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsaa Mootummaan Jarman Itiyoophiyaaf Kenne


Faayilii - Ijoollee Tigraay qehee irraa buqahanii mana barumsaa Hadneet keessa jiran, Caamsa 5, 2021
Faayilii - Ijoollee Tigraay qehee irraa buqahanii mana barumsaa Hadneet keessa jiran, Caamsa 5, 2021

Mootummaan Jarman gargaarsaa namoomaa yeroo hattamaatiif kan oolu deggersaa yuuroo miiliyoonii 8.5 itiyoophiyaatif kenneera.

Akka gaabaasinii Faanaa bBroodkaasitiingi ibsetii Jarman gargaarsichaa kan gootee karaa sagaantaa midhaan nyaataa adduunyaa (WFP)tin. Gargaarsichiis kan oolu naannoo tigiraayi keesatii namootan balaa waraana fi uumamatiin midhamaniif akka ta’e kan hime gabaasin kun namootan miiliyoonii 2.1 akka gargaaru ibseera.

Karaa biraatin qotee bultoonii tigiraay akka qonnaa irrati hirmaatan mootumaan gargaarsa barbaachisaa ta’e akka kenna jiru waajira qotiinsaa nanno tigiraay caqasuudhaan faanaan gabaseera.

Akka gabasini faanaa jedhutti sanyiin filatamaan kuntaala kuma 66 waltii qabamee kuntaallii kumnii 10 qotee bultootaaf kennameeraa.

Xaa’oo qotee bultootaaf kennamuuf karoorfame kuntaala 800,000 keessaa kumnii 300 tigiraayiin gahee, kumnii 210 qotee bultootaaf kennameera.

Bara kana tigiraay keessatii lafa hektaaraa miiliyoonii 1.3 irratii sanyii facaasudhaaf akka qophiin godhame mada oduu itiyoophiyaa caqasuudhaan faanaan gabaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG