Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsaaf Iyyati Dhiyaatee Jira 


Namoonni Miliyoona 11.4 gargaarsa nyaataa kan haatattamaa kan isaab barbaachisuu ta’u kan ibsaa ture mootummaan bulchiinsii naannoo Amaaraa naannoo raayyaan ittisa biyyaa to’atee keessatti namoonni haaraa jireenya jalqaban beelaaf saaxilamuun ibsamee jira.

Namoonnii ABUT seebbaab dheessanii turan yeroo deebi’an qabeenyaan isaanii barbadaa’ee arguu isaanii akkasumas kanneen achuuma turan immoo sochiin tokko waan hi turreef jecha uummanni waan nyaatu wal gargaaraa turuus amma immo rakkoon jiru hammaachuu jiraatonni ibsanii jiru.

Angawoonni akka jedhanti gargaarsii hatattamaa kan isaan barbaachisuu lakkoobsaan dabalaa waan jiruuf jecha lammiwwan Itiyoophiyaa deggersa akka gumaachan gaafatamee jira.

Namoota godaanan Miliyoona 2.3 keessaa 160,000 kan deebifana yoo ta’u kanneen biros hojiin deebisuu kan itti fufuu ta’uun ibsameera jechuun Asteer Misgaanaawuu Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG