Yuunaayitid Isteetisi gargaarsa biyyoota alaa irraa dhaabuu isheen Itiyoophiyaa keessatti gargaarsa Ittisa Vaayirasii HIV’f taasifamu ni miidha jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan Ittisa HIV.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan Ittisa Vaayirasii HIV Eedsii Yuunaayitid Isteetisi gargaarsa biyyoota alaa dhaabuun misoomawwan naannoolee hedduu Itiyoophiyaa keessaa irratti dhibbaa geessiisa keessumaa ittisa Vaayirasii HIV Eddisii irratti jechuun akeekkachiise. Sagantaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan ittisa HIV inni “UNAIDS” jedhamu akka beeksiisetti yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni 503,000 qoricha farra HIV isa antiritrovaayiraal ARV buufataalee fayyaa 1,400 biyyattii keessatti fudhachaa jirus jedheera.
Hojjeettoonni ogeessoota fayyaa ta’an kanneen fandii maallaqaa USAID fi CDC irraa argamuun qacaramanii hojjechaa turan kanneen naannoolee irra jiran Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa irraa xalayaan isaan dhaqqabeen hojii dhaaban sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaald Tiraampi Ajaja pireezidantii dabarseen Yuunaayitid Isteetisi deeggarsa biyyota alaaf taasiiftu akka dhaabdu yommuu ta’u ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi immoo gargaarsi Ittisa HIV’f taasifamu lubbuu baraaruu ariifachiisaan dhorkii ajaja Pireezidaantii jalaa baafaameera jedheera. Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Maarkoo uubiyoo Kibxata darbe akka beeksiisetti gargarsi nyaataa ariifachiisaa, qorichoonni luvbbuu baraarsan, tajaajiloonni fayyaa, bakka jireenyaa sagantaa gargaarsa ariifachiisaan itti fufu jedheera.
Forum