Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Hatattamaa Argamu Malee Naannoon Tigraay Yeroo Roobaatti Oomishi Dhaqqabuufii Dhiisuu Mala: Tokkummaa Mootummootaa


Itti aanaa dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres, Florencia Soto Nino ibsa tuuta oduuf kaleessa ibsa kennaniii jiran.

Jarmayaan qonnaa fi nyaataa kan addunyaa FAOn akka jedhetti baatiin roobaa dhufaa jiru, kan beelaan dha’ame Itiyoopiyaa gama kaabaa keess kanneen jiran qonnaan bultoonni midhaan facaafachuuf akkasumas oomisha argachuuf carraan jiru xiqqoo dha jedhan. Kanaaf deggersi maallaqaa fi deggersi dhaabolii gargaarsaa daran cimu malee carraan sun miliquu danda’a jedhan.

FAOn qonaan bultoonni hedduun qabeenyaa isanii, kan akka sanyii midhaanii, beeladaalee ykn meeshaalee qonnaa waan duraa saamaman ykn gabaan sanyii midhaaniis dhabamuu hubatee jira jedhan. Kanaaf oomishii midhaanii kan naannoo danqamee jira.
FAOn uummata miliyoona 1.2 kanneen hanqina midhaan nyaataan rakkatan gargaaruuf doolaara miliyoona $30 gaafatee jira. Hanga yoonaa gargaarsa doolaara miliyoona $6.2 qofatu waadaa seename jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG