Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Namoomaa Naannoo Amaaraaf Kennamu Fooyya’uun Ibsame


FAAYILII - Namoota qehee irraa buqahaniif qarqaarsa hiramuuf qophaahe bira nama darbaa jiru, Naannoo Amaaraa

Hoogganaan naannoo Amaaraa Yiliqaal Keffaalee haalli deebii gargaarsa namoomaa torbanneen darban keessa fooyya’aa adeemuu beeksisan.

Walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa kaabaatti aansee uummati miliyoonni 11 ol kan naannoo Amaaraa gargaarsa yeroo htattamaatu isaan barbaachisa jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa naannoo deggersa naannoo Amaaraaf kan oolu qarshii imiliyoona 100 gumachee jira. Bulchaan naannoo Oromiyaa Shimellis Abdiisaa akka jedhanitti deggersi kun michummaa naannoo Amaaraa waliin jiru agarsiisuuf jecha.

Angawoonni lamaan WABO fi leellistummaa gosaa hookkaraan guutetti duuluuf waliin hojjechuuf cicha qaban mirkaneessanii jiru jechuu dhaan Aster Misganaw gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG