Walitti bu’iinsa dhaabuun gara bulchiinsa naannoo Tigraayti gargaarsii namoomaa akka seenuu gochuuf Kamiisa dabree erga labsmee as kokolaataan gargaarsa fe’anii Tigraay seenam akka hin jirre waajirri hariiroo alaa kan Naannoo Tigraay ibsee jira.
Haga ammaatti lafa waraanni Tigraay jiru kokolaataan dhaqqabe waan hin jirre qaamnii dhimmi ilaalatu deebii kennuu qaba jedhan itti gaafatamaa hariiroo alaa kan ta’an profeesar Kindaayaa Gabra Hiwoot.
Fedhiin keenya duula waraanaa otoo hin taanee kaayyoo itti dhukaasa itti dhaabnee fixaan baasuu achiisa mari’annee walii galtee nageenyaa tofachuu dha jedhan.Guyyaa 11 dura konkoolaataan gargaarsa fe’an gara Tigraayit qajeeluun isaanii mootummaan eega labsee booda humnootiin ABUT dabqee jedhamee ture.
Kana irratti Profeesar Kindaayaan deebii kennaniin iddoo itti danqamee jedhame sana waraana Tigraay otoo hin taane kan biraatu ture.Kanaaf danquu hin dandeeyu jedhanii walii galtee tolfameen hojii irra hin ooluu taanaan carraa biraa ilaallanna jechuun dubbatan.