Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Gara Naannoo Tigraayitti Ergamuu Isaa Tokkummaan Mootummootaa Beeksise

Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021
Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021

Konkolaataan garaarsa fe’an afur Maqalee seenuu isaanii sagantaan nyaata addunyaa nuuf ibseera jechuun dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Sefen Dujaarik ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Hanga ammaatti konkolaattonni fe’umsaa 150 ol gamas kan seenan yoo ta’u, WFPn guyyaa guyyaatti fedhi uummata miliyoona 5.2 guutuuf hojjetaa jira jedhan.

Akkuma beekamu daandiin kara Tigraay geessu martinuu sababaa walitti bu’iinsaan seenuun waan hin danda’amneef ji’a tokkoof boodatti harikfatee jira jedhan. naannoo Amaaraa keessaa sagantaan nyaata addunyaa Dasee fi magaalaalee kombolchaa keessa kanneen jiran namoota 100,000f torban darbe deggersa kennee jira. Ji’a tokko keessatti magaalaalee kanaaf raabsii gargaarsaa kennamuun isa jalqabaa ti.

WFP fi michoonni isaa torbanneen itti aanan keessa namoota 450,00 ol ta’aniif gargaarsa ittiin ga’uuf jiru. Midhaan metric tonii 67,00 ol kaaba Itiyoophiyaa keessaa kan qabu ta’uu beeksisee jira.

Kunis uummata miliyoona 3.7 nyaachisuuf ga’aa yoo ta’u, garuu sababaa hanqina boba’aa fi daandiin dhabamuuf dhaqqabuu hin dandeenye jedhaniiru.

This item is part of
XS
SM
MD
LG