Bulchiinsa naannoo Tigraayti itti gaafatamaan waajiira qonnaa fi misooma baadiyyaa Dr Atiinkuut Mazgabuu waliigalteen nageenyaa eega mallatteeffamee as, haala gargaarsaa Tigraay keessaa ilaalchisee har’a sabaa himaaf ibsa kennanii jiru.
Baatii Hagayya dabree eega wal waraansii hammaatee kaasee, uummanni Miliyoona 1.2 haaraa manaa fi qe’e ofii irraa godaanuu isaa ibsan.
Namoonni yeroo tokkoo kaasee hanga yeroo shanii godaanan Tigraay keessa jiraachu ibsan.Tajaajiilli Baankii fi daldalaa jiraachuu dhabuun , akkasumas hojjattonni mootummaa fi kannen soorata ba’an waggaa tokkoo fi walakkaaf mindaan hin baafaminiif hafuun, rakkoo gargaasa dhala namaa haammeessuu isaa ibsuun, kanneen gargaarsa raabsan iyyu ofii isaanii gargaarsa eeggataa akka jiran dubbatan.
Erga walii galteen mallatteeffamee as yeroo ammaa kallattii afuriin gargaarsii seenuu jalqabuu isaa ibsanii kan seenaa jiru kun ija namoota gargaarsa eeggataniin xiqqoo ta’u hubachiisan.
Dhaabatoota gargaarsa namoomaan alattis mootummaan Fedeeraalaa gargaarsa akka kennu gaafatanii jira.
Gama kaaniin Itiyoophiyaa keessa kan jiran itti gaafatamtoonni dhaabbattoota Tokkummaa Mootummootaa fi bakka buutoonni Jimaata dabree Maqalee daawwachuun isaanii kan ibsame yoo ta’u, kunis gargaarsa namoomaa haala caalaatti mijataa ta’een kennuuf akka ta’e Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum