Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Tigraay Dhaqqabaa Jira :Jaarmayoota Gargaarsaa


FAAYILII - Qarqaarsa nyaataa ganda baadiyaa Tigraay keessatti hirmauuf qophaahe, Hagayya 23, 2021
FAAYILII - Qarqaarsa nyaataa ganda baadiyaa Tigraay keessatti hirmauuf qophaahe, Hagayya 23, 2021

Koreen Fannoo Dimaa kan addunyaa balalii fi konkolaataan meeshaalee wal’ansa fayyaa kan hatattamaan barbaachisan Tigraay magaalaa Shiree keessatti dhaqqbsisuu isaa beeksisee jira.

Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun gargaarsi toonii 20 namoota rakkoo hamaa keessa jiraniif ni raabsama jechuun koreen fannoo Dimaa kan addunyaa dameen Itiyoophiyaa Twitarii ofii irratti sambata dabree barreessee jira.

Guyyuma kana sagantaan nyaata addunyaa (WFP)n konkolaataan isaa ergaman keessaa gareen lama Tigraay akka gahes Tiwiitara ofiiirratti barreesse. Inni 1ffaan gara Meqalleetti ergame kokolaataa boba’aa fe’an lama of keessaa qaba.Inni 2ffaan immoo nyaata gara shireetti geesseera. Kna malees kaleessa Meeshaalee wal’ansa fayyaa murteessoo ta’an qilleensar iraan erginee turre jechuun sagantaan nyaata addunyaa gaafa sambataa Tiwiitara isaa irratti dabalee ibseera.Kana malees ehama argannaan abdii jedhuun guyyaa guyyaatti gargaarsa geessuuf qophii ta’u labsee jira.

Gama biraatiin Pireezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa Olusegun Obasanjo waraana waggaa lamaa lammiileen Tigraay gara kuma 600 ta’an galaafate sana eegaluu isaatiif Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) komatan.

ABUT garu, waraana kana situ jalqabee jechuun himannaa irratti dhiyaate mormaa ture.

Yaada maxxansa haaraa Ameerikaa SEMAFOR jedhamuun beekamu irratti maxxanfame keessatti, Obasanjo gahee nagaa buusuuf qabuu fi waliigaltee nagaa Adoolessa 2 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuu fi labsii Naayiroobii Keeniyaatti ba’e irra ga’uuf rakkina irra aanuu bal’inaan ibseera.

Obasanjo gahee nagaa buusuuf qabuu fi waliigaltee nagaa Adoolessa 2 Afrikaa Kibbaatti labsamee fi labsii Naayiroobii Keessatti ba’e irra ga’uuf, rakkina ture bal’inaan ibsan.

Ollaan Itoophiyaa kan akka Eertiraa fi Sudaan tokko tokko kallattiinis ta’e harka biraan waraana kana keessatti qooda kan qaban ta’u, biyyoonni Gaanfa Afrikaa keessa jiran hundi gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa kallattiin haala hintaaneen dhiibbaa irra ga’eera jechuun Obosaanjoon ibsan.

Wal waraansa kana keessatti Ijoo kan ta'e Tigraay keessatti gaaga'amni dhaqqabe gama namaa fi meeshaa baay'ee ol'aanaa ture. Namoonni 600,000 gadi hin taane kallattiin lola irratti ykn sababa dhukkubaa fi gargaarsa namoomaa argachuu dhabuun akka du’an tilmaamamee jira jedha barreeffamnii Obosaanjoo jechuun keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira..

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG