Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaa: Tajaajila Baqattoota Suudaan Kibbaatii Doolaarii Miliyoona Tokkoo Olitu Babaachisa


Tokkummaan Mootummootaa, baqattoota Sudaan Kibbaaf gargaarsa gaafatu dabaluudhaan --- tajaajila nyaataa, bishaanii fi fayyaa kennuudhaaf yoo xiqqaate maallaqa doolaara miliyoona tokkoo fi kuma dhibba afur barbaachisa – jedha.

Walitti-bu’insi hamammaatee, haalli jireenya dhala-namaa Sudaan Kibbaa keessatti hammaachuun isaa akka lakkoobsi namoota qehee fi mana ofii irraa buqqa’anii hatattamaan dabalu taasise – jedha – Tokkummaan Mootummootaa.

Jarmayichi Addunyaa har’a akka ibsa baasetti, ijoollee miliyoona tokko ta’an dabalatee – laookkobsi baqattoota Sudaan Kibbaa daddafee dabaluun Addunyaa irratti isa ol’aanaa ta’ee milyoona tokko fi kuma dhibba saddeetii ol tahee jira.

Wal-wwaraansi biyyattii keessatti waggoota afuriif geggeessame, yoo xiqqaate lammiwwan ishee miliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeet manaa fi qehee irraa buqqise.

Lakkoobsi gargaarantootaa duraan Tokkummaan Mootummotoaa gabaase kuma tokkoo fi dhibba lama qofa ture.

XS
SM
MD
LG