Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gatii Gad Cabsuun Hagam Gargaare?


Mootummaan Itiyoophiyaa dhiyeenya kanaa kaasee gatii gurguurtaa meeshalee hanga tokko gad cabsuun isaa ni yaadatama.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Mallaas Zenaawwii mana maree bakka bu’uoota uummataaf hasawaa dhagesisaniin, daldalaa irratti to’annaa jabaan kan godhamu ta’uu ibsan. Gatiin gurguurtaa qaala’uu ykn guddachuu ittisuuf immoo mootummaan isaanii tarkaanfi kan fudhatu ta’uu hubachiisan.

Dhiyeenya kana mootummaan gatii gurguurtaa gad cabsuun tarkaanfiin fudhate magaalaalee adda addaa keessatti hagam akka gargaare namonni gaafataman harka caalaan,daldaltonni gatii ofii duraan ittiin bitan irraa waan gad cabeef jecha, hin gurgurru jechun dhoksan,kanaaf yeroo ammaa gabaa irraa waa arganii bituun rakkisaa dha jedhu.

Ituu gatii qaalii isa duraatti deebi’ee akka garaatti argamee wayya jedhu.Daldaltonni gatii guddaan duraan bitan deebisanii akka gad cabsan gochuun ,kufaatiif isaan saaxiluu dha kanneen jedhanis ni jiran.

Dabaala mindaa mootummaan labsees, warraa duraan mindaa guddaa argataa turan daran utube kan jedhanis ni jira.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG