Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gatiin Zayitaa Ol Ka'uun Geejjiba Irratti Miidhaa Fide


Gatii zayita boba’aa irratti jijjiirraan godhamaa jiru gaatii geejjibaa akka itti dabalaa jiru dubbatu jiraattonni, magaalaa Finfinnee keessaa yaada isaanii kennan. Mootummaan gatii zayita bobaba’aa dabalame hanqisuuf, akka maallaqa gargaarsaa hin kennine ka dubbatan - Ministarri Maallaqaa Itiyoopiyaa mmoo “ka silaa kanuma wajjiin dabaluu male gatiin mi’awwan bu’uraa garuu, bakkuma jiru akka ture taasisnee jirra.” jedhu.

Ebla 2, bara 2003 irraa jalqabee Itiyoopiyaa keessatti gatii zayita boba’aa irratti jijjiiramni godhame keessumaa gatii Beenzilaa dabalee jira. Liitiriitti Qarshii tokkoo fi saantiba saddeettamii-saddeet ka ture gatiin Beenilaa Qarshii digdamaa fi saantiba sagaltamii afur ta’ee jira. Qarshii kudha-jahaa fi saantiba soddomii-toorbatti ka ture gatiin Naafxaa adiiqarshii kudha-toorbaa fi saantiba toorbaatamii sadii ta’ee jira. Kana irraa ka’uudhaanis konkolaatonni geejjibaa kanneen akka awutoobusii fi taaksiis gatii dabalanii jiran. Tarkaanfiin kun gatii geejjiba isaanii dabaluu dubbatu namoonni gabaasaa keenyaaf yaada isaanii kennan.

Ministara maallaqaa Itiyoopiyaatt, Directorri Direktoreetii Korporeeshinii Amaakkelee Yimaam- Raadiyoo Sagalee ibsa kennaniin Mootummaan gatii boba’aa dabale kana sirreessuuf maallaqa akka hin baasiin garuu, gatii mi’awwan bu’uraa ka silaa gatii zayita boba’aa waliin dabaluu male sirreessuuf akka tarkaanfii fudhate hubachiisan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaga'aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG