Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giddu Galeessa Bahaa Keessatti Muddamsi Dabalaa Jira


Loltoota Israa'el Jeniin keessatti, Weest baank, hagayya 28, 2024.
Loltoota Israa'el Jeniin keessatti, Weest baank, hagayya 28, 2024.

Humnoonni Israa’el haleellaa Weest Baank keessatti gaggessaniin yoo xiqqaate namoota sagal ajjeesuu isaanii kan dubbatan aangawoonni Fayyaa kan Faalisxiin kun lafa dhunfatamee jiru keessatti duula guddaa gaggeeffame jedhan. Namoonni salgan ajjeefaman kun naannoo adda addaa kan Jeniin fi Tubaas keessatti ta’uun ibsamee jira.

Erga waraanni Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti jalqabee as waraana Israa’el waliin West Baankii keessatti walitti bu’iinsa uumamu haalaan dabaleera. Israa’el Hamaas fi Islaam Jihaad dabalatee gareewwan hidhatan irratti haleellaa cimsitee jirti. Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa bara 2023 jalqabee as, loltoonni Israa’el fi qubsiistonni Falasxiinota 640 ol kan ajjeesan yoo ta’u, haleellaan Falasxiin yoo xiqqaate lammiilee Israa’el 19 galaafate.

Gama biraatiin Israa’el Kibxata kaleessaa akka jettetti, namoota 250 Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa’el Kibbaa irratti raawwateen booji’aman keessaa kan biraa baraarteetti. Onkolooleessa sana keessas Hamaas namoota 1,200 ajjeeseera. Qaayid Farhan Alkadiin Gaazaa Kibbaa keessatti “duula walxaxaa’’ ta’een bo’oo galoo Gaazaa gama kibbaa keessaa baraarame.

Alkaadiin qaama sab xiqqaa Arab Bedouin Israa’el kan ta’ee fi warshaa tokko keessatti waardiyyaa ta’ee hojjechaa kan ture yoo ta’u, hawaasa qonnaan bultootaa hedduu haleellaan irratti raawwatame keessaa tokko ta’uun adda baafameera. Dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa kan Waayit Haawus akka jedhanitti, Alkaadiin gadhiifamuu isaa kan simatan yoo ta’u, “lammiilee Ameerikaa dabalatee namoota Hamaasiin qabaman hundi bilisa ba’anii maatii isaanii waliin walitti makamuu isaanii arguuf kutannoo qabna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG