Jarmayaan godaantotaa kan Tokkummaa Mootummootaa IOM godaantonni lammiiwan Itiyoopiyaa kanneen 20 ta’an bidiruun isaan irra turan kutaa Yemen Dubaab kan Taa’iz keessaatti Sambata darbe jechuun Amajjii 18 liqimfamuun du’uu isaanii beeksisee jira.
Bidiruttiin, Hamaartaa naannoo Jibuutii ka’uun isee kan shakkamu yoo ta’u, qilleensa hamaan yeroo itti bubbisu keessa waan kaateef garagaluu ishee IOM beeksisee jira.
Akka IOM jedhetti bididruttiin godaantota lammiiwwan Itiyoopiyaa 35 kan yabalattii oofu lammii Yemenii fi gargaaraa isaa baattee turte. Kaneen du’an dubartoota 11 fi dhiirota 9 ta’uu IOM ibsee jira.
Kanneen lubbuun hafan lammiiwwan Itiyoopiiyaa dhiirota 15 fi hojjettoota Yabalattii lammiiwwan Yaman lama ta’uun ibsameera.
Oduu gaddisiisaan kun godaantonni nageenyaa fi jireenya wayyaawaa barbaacha haalawwan dogoggoraa keessa seenuu isaanii nama yaadachiisa jechuu dhaan itti gaafatamaan gurmuu IOM kan Yemen keessaa Abdusator Eesoo’eev ibsa Amajjii 21 kennaniin beeksisaniiru.
Lubbuun bade tokkich illee hedduu dha. Hawaasi addunyaa godaansa seernaan alaa kanaaf ittiin ka’umsa kan ta’e furuu akkasumas eegumsaa fi kabajaa godaantotaaf dursa kennuu dhaan cicha qabu cimsuu qaba jedhan.
IOM bara 2024 qofaa godaantota 60,000 Yemeniin seenuu isaanii galmeessee jira.
Erga bara 2024 qabee IOM namoonni 3,435 du’uu fi achi buuteen dhabamuu akkasumas kanneen 1,416 liqimfamanii du’uu gabaasee jira.
Forum