Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantoota Heeytii Biyya Isaanti Deebisuun Falmii Kaasisee


Godaantoota Heeytii Biyya Isaanti Deebisuun Falmii Kaasisee
Godaantoota Heeytii Biyya Isaanti Deebisuun Falmii Kaasisee

Godaantonni biyya Heeytii kuma hedduu kanneen naannoo daangaaYunaaytid Isteets gama kutaa Teeksaas fi Meeksikoo irraa turan biyya isaantti deebifamanii jiru.

Eega biyya isaanti deebisanii booda garu, qondaallii Tika nagaa kan Yunaaytis Isteetes Alehandro Mayorkaas fi Bulchaan kutaa Teeksaas Greg Abiit, Dilbata kaleessaa seera immigreeshinii kabajsisuu kan ilaaleen yaadaan walitti bu’anii jiru.

Mayorkaas Teleeviziyoona Faaks Niwuus jedhamu waliin Dilbata kaleessaa gaaffii fi deebii gaggeessaniin, deebii mootummaan Yunaaytid Isteets kennee deggeruun falman.

Kunis jeeqamsa naannoo daangaatti uumamee sanaaf akka seera Fedeeraalaa fi aadaa bonsaa qabnu ittiin jedhan kan akkaataa lammiwwan biyya alaa Amerikaa itti seenuun dahannaa itti gaafachuun fi tasgabii dhabiinsa biyya isaanii keessaa jalaa oolan irratti hirkachuun hojjanne jedhan.

Garu bulchaan Teeksaas Greeg Abiit baqattoota Heeytii fi Amerikaa waaltaa kannen karaa kutaa Teeksaas Yunaaytid Isteets seenuu yaalan kan ilaaleen deebii biyyi isaanii kennaa turtee yeroo deeraaf qeequun beekamu.

Kanaafis jecha prezidaant Baaydiin daangaa kabajsisuu isa jedhu dhiisanii, addunyaaf dhaamsa daangaan banaa dha jedhu dabarsaa jiru jedhan.Kanas kan jedhan, qophaatti gaaffii fi deebii Televiziyoona Faaks niwuus jedhanu waliin gaggeessan irratti ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG