Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Walloo Kaabaa fi Kibbaa Keessatti Gargaarsii Gaafatamaa Jira


Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021
Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021

Mootummaan Itiyoophiyaa shoroorkeessaa dha kan ittiin jedhuu fi human ittisaa kan Tigraay jechuun qaamnii of waamuu aanaalee godiina Walloo Kibbaa seenee yeroo ture sana qonnaan bulaan achii turan deggersii hatattama kennamuufii baannana rakko dhala namaa hamaan isaan mudachuu akka maluu ibsanii jiru.

Godiina Walloo Kibbaa aanaalee Tehulee daree, Ambaassal Warrabaabboo fi Dalaantaa seenuuf yaaluu isaas hogganni godinaa kan dubbatan yoo ta’u, yaaliin kun fashalee duubatti akka deebi’uu ta’eera jechuun hogganoonni siyaasaa dubbatan iyyu, amma iyyu yaaddoo qabna kan jedhan qaamooleen hawaasaa hin dhibne.

Godiinuma kana aanaa Warra Baaboo naannoo Xif Xarat jedhamu kan jiraatan qonnaan bulaan Yimaam Ahmad jedhaman, beeleedaalee dabalatee qabeenya waggoota keessatti horatan guyyaa sadii kan hin caallee keessatti, miidhaan irra ga’u dubbatan.

Kan guyyaa sadiif naannoo isaanii to’atee ture raayyaan HIWAAT,midhaan nyaatamuu hojiin ala waan taasiseef jecha omishtummaa irraa kan bitateen nyaatu ta’een jira jedhan.

Bulchaan godiina Walloo kaabaa Diyaaqoon Tesfahun Baayaabil sababaa wal waraansaan uummanni namoonni kuma 200 fi kuma 70 caalaan godaanuun Haayiiq, Dasee fi Kombolcha keessa buufachuu ibsan.Godiinaalee walloo kaabaa kan HIWAAT to’atuu keessa haallii uummataa jiru kan isaan yaaddeessu ta’u ibsan.

Dubbii himaan HIWAAT Geetaachoo Raddaa Twiitarii ofii irratti dhaamsa “waa gochuu hindandeenyu garu haa beekamuu” jechuun ka’aniin, naannoo Amaaraa kan humnootiin isaanii to’atan keessa namoonni jiraatan hedduun balaa beelaaf kan saaxilaman ta’u amanan.

Kun kan ta’ees mootummaan Finfinnee jiru beela meeshaa ofii godhachuuf karoora bala’amaa qopheeffateenii jechuun Twitarii irra ka’an.

Bulchiitonni godiina walloo kaabaa fi kibbaa akka jedhanti, godiinaaleel wal waraansaa keessa socho’uu kan danda’an dhaabatonni gargaarsaa kan addunyaa, rakkoo naannoo walloo jiru hatattamaan furuu akka hin dandeenye ta’u ibsanii, ammas taanaan dhala namaaf gargaarsahatattamaa akka godhan gaafanna jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddaa gama isaanii, naannoo humnii isaanii to’atee jiruutti qaamnii hawaasaa deggersa barbaaduu akka argatuuf, dhabattoota gargaarsaa kan addunyaa waliin mijeessanii hojjachuuf qophii ta’u isaanii beeksisanii jiru jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG