Raashaan looltoota ishee kuma 100 caalaa kutaa sana keessa qubachisuu fi Yukreeniin tasgabii dhabsisuuf tarkaanfii fudhatame jechuun Yunaaytid Isteetes ibsuuf deemti.
Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddara Amerikaa kan ta’an Lindaa Tomaas Griin Fiild Televiziyoona ABC jedhamuuf Dilbata kaleessaa akka ibsanti, Raashiyaan maaliif waraana ishee daangaa irra akka bobbaafte akka ibsituuf kaawunsiliin kun gaafata.
Raashiyaan ilaalcha qabdu akka ibsituu isa jedhu irratti sagaleen keenya tokko jedhan. Raashiyaan karaa itti aanaa Ambaasaadara ishee kan Tokkummaa mootummootaan Tarkaanfii Amerikaan fudhataa jirtu fudhatama dhabsiiftee jirti.
Raashiyaan miseensoota dhaabatoo gola naga eegumsaa keessaa tokko waan taateef jecha, tarkaanfii golli naga eegumsaa ishee irratti fudhatu sagalee qabduun ittisuu dandeessi.
Rakkoo Raashiyaa fi Yukreen gidduu furuuf yaalii gama diplomaasii gaggeeffamaa yeroo jiruutti, mariin gola naga eegumsaa kan har’a kun dhaga’ame.