Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga Eegumsaa Waa’ee Tigraay Irratti Ifatti Dubbatee Jira


Golli Naga Eegumsaa Waa’ee Tigraay Irratti Ifatti Dubbatee Jira
Golli Naga Eegumsaa Waa’ee Tigraay Irratti Ifatti Dubbatee Jira

Jimaata darbee walgahii kan gaggeessee yoo ta’u humnootiin Tigraay walii galtee dhukaasa dhaabinsaa gochuu akka qaban tokkummaan mootummootaa hubachisee jira.

Kunis rakkoo gargaarsa dhala namaa hambisuuf akkasumas rakkoo biyyatti keessaaf furmaata gama siyaasaa arguuf gargaara jedhamee jira.yeroo ammaa uummanni kuma 400 kanneen caalan beelaaf saaxilamuun ibsamee jira.

Walgahii ejjennaan lama irratti calaqqiifamee Kanaan Amerikaan amma iyyu mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsii dhala namaa dhaqqabuu isaa mirkaneessuuf itti gaafata irra jiru ba’u akka qabuu fi gamnii hundumtuu waliigaltee dhukaasa dhaabiinsa isa dhugaa irra akka ga’an gaafattee jirti.

Tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Lindaa Toomaas Griinfiild Looltonni Itiyoophiyaa Maqalee keessaa yeroo ba’an waajiiroota gargaarsa dhala namaa saamuu fi meeshaalee qunnamtii barbadeessuu isaanii kan ibsanii meeshaalee saaman mara deebisuu qabu jedhan.

Namoota Tigraay keessatti rakkataa jiran isa Kanaan duraa caalaa amma dhaqqabuu akka barbaachisuu ibsanii, gamnii hundi waliigaltee dhukaasa dhaabiinsa isa dhugaa tolfachuun mariif akka taa’an gaafatan. Mariin kunis humnootii Tigraay kan dabalatuu ta’u beeksiifna jedhan.

Raashaan dhimmi Tigraay dhimmi keessoo Tigraayii kan jettu yoo ta’u miseensoonni gola naga eegumsaa qormaata adda addaa kan Itiyoophiyaa keessaa sirnaan hubachuun yaalii biyyattiin gochaa jirtuuf akk deggeraniif bakka bu’an Itiyoophiyaa gaafachuu isaanii Keneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG