Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni itiyoophiyaa 71 Daar E Selaamitti mana murteef dhiyaatan


Kaartaa Taanzaaniyaa
Kaartaa Taanzaaniyaa

Godaantonni Lammileen Itiyoophiyaa 71 Taanzaaniyaatti qabamanii mana murteef dhiyaatan. Godaantonni kuni ka to’annoo poolisii biyyattii jela oolan dhuma ji’a caamsa darbee yoo tahu, wixata dabre kana dhadhacha mana murtee Daareselaam naannoo Kisuuttuu jedhamutti dhiyaatanus, poolisiin Taanzaaniyaa qorannoo kiyya hin xumurre waan jedheef beellama torbee lamaa isaaniif kenneera. Gaazexeessaan Taanzaaniyaa Hamiisii Suleeymaan akkaa Raadiyoonii VOAf himettii, lammileen Itiyoophiyaa kuni dooniidhaan Keeniyaa Mombaasaa ka’anii akka Taanzaaniyaa galan himeera. Namni Dooniidhaan godaantota kana seeraan ala fuudhee deemaa ture battaluma poolisiin godaantota kana qabe isaan dhiisee badeera.

Godaantonni itiyoophiyaa 71 Daar E Selaamitti Mana Murteef Dhiyaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG