Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti hooggantuun biiroo Komuunikeeshinii Aadde Sennaayit Salamoon sigiga lafaa Godina Goofaa, aanaa Gezee Gofaa ganda Keenchoo Saachaa Goozdiitti uumamee tureen hanga ammaatti barbaacha namootaa taasifamaa jiruun reeffi namoota 243 argamuu ibsa har’a kennan beeksisaniiru. Hanga Sanbata xiqqaa darbe Adoollessa 20tti reeffi namoota 231 baafamuu ibsee kan ture ministirri Komuunikeeshinii mootummaa Fedeeraalaa, guyyoota lamaan darban kana keessattis reeffi namoota 12 dabalataan argamuu Aadde Sannaayit har’a kan beeksiisan. Balaan kun erga uumamee amma guyyaa 10 ffaa isaa kan qabate yommuu ta’u ammayyuu namoota balaa kanaan dhabaman barbaaduun akkuma itti fufetti jira.
Namni Kiinaa Harsiisoo jedhaman kan tilmaaman umurii 70 keessatti argaman haadha warraa koo dabalatee firoota koo 15 dhabe jedhan yeroo soorama kootti qofaan kiyyaan hafe jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Namni biraan Taaddesee Taaddelee jedhamu haadhaa fi abbaa isaa balaa kanaan dhabuu himu firoottan koo biros du’aniiru jedhee yeroo ammaa dhipphinaa keessa seenee akka jiru sagalee Ameerikaatti himeera.
Bakka balaan sigiga lafaa kun itti qaqqaberutti kenneen balaa kanarraa hafaniiraniif gargaarsi taasifamaa kan jiru yommuu ta’u naannoo kibba Itiyoophiyaatti Komishiniin ittisaa fi sodaa balaa ammayyuu sigigni lafaa mudachuu mala jechuun akeekkachisa kenneera jechuun Yoonaattan Zambiyoositu Hawaasaarraa gabaase.
Forum