Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Guujii Keessatti Namoonni Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni


OROMIA MAP
OROMIA MAP

Godinaa Guujii Aanaa Gooroo Doolaa keessatti, mormii barattootaa fi uummataa geggeessamaa ture irraa kan ka’e – namoonni digdamaa ol, mana hidhaa aanichaa keessaa fuudhamanii bakka biraatti geessamuu fi kanneen biroon akka wabiin gad-lakkisaman manni-murtii aanaa murteesse haga ammaa gad-lakkisamuu – jiraattonni aanichaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Akka jiraattonni jedhanitti namoota afurtamaa ol mana-hidhaa Gooroo Doolaa keessa turan keessaa 21 Dilbata, Gaafa Bitootessa 27, 2016 achii fuudhamanii gara Negelleetti geessaman. Ka biroon kudha-sagal immoo mana-murtii aanaatti dhihaatanii akka wabiin gad-lakkisaman eega abbaan-murtii ajajee booda, poolisoonni ajaja mana-murtii kabajuu diduun achuma kaa’anii jiran.

Itti-aanaa hoogganaan Waajira Nageenyaa Aanaa Gooroo-Dolaa – Obbo Dirboo Jiloo garuu, “namoonni mana hidhaa jiran, kanneen jeeqama oofuu fi alaabaa Oromiyaa cicciruutti, akkasumas ujummoo bishaanii uummataa caccabsuutti shakkaman qofa.” Jedhu. Dhimmi ququlleeffamee akka gad-lakkisamuuf jiran illee dubbatu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG