Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gullisoo Keessatti Namoonni Nagaan Hidhattootaan Ajjeefamuun Himame  


Wallagga Lixaa, Aanaa Gullisoo (suuraa faayilii)
Wallagga Lixaa, Aanaa Gullisoo (suuraa faayilii)

Godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Gullisoo keessatti haaleellaa eenyummaa irratti hundaa’e kan mootummaan “Oneg Shanee” ittiin jedhu, riphxeeloltoota Waraana Bilisummaa Oromootiin raaw’aame, jedhaniin namoonni nagaan lakkoobsi isaanii hin beekamiin ajjeesamuu, kanneen haleellaa sanaa jalaa ba’anii fi ijaan argine – jedhan dubbatanii jiran.

Haleellaan eenyummaa irratti hundaa’e geggeessamuu isaatti gadduu isaanii ka dubbatan, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa - Abiyyi Ahimad, “falawwan hundatti fayyadamnee rakkoo sana ni buqqisna,” jedhan. Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaas ibsa baasaniin, “shira badisaa fi shororkeessummaa Oneg-shanee fi Wayyaaneetiin Itiyoophiyaan hin diigamtu,” jedhan.

Riphxee-loltoota mootummaan “One-Shabee” ittiin jedhu – Waraana Bilisummaa Oromoof dubbi-himaa ka tahan, waa’ee ajjeechaa kanaa gaafatamanii, gareen isaanii akka harka keessaa hin qabne dubbachuun haalan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Gullisoo Keessatti Namoonni Nagaan Hidhattootaan Ajjeefamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:05 0:00



XS
SM
MD
LG