Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiloonni Afriikaa 50ni Gumii  Hoogganoota Yunaayitid Isteetisee fi Afriikaa Kan Washingten Keessaa Irratti Hirmachuuf Jiru


Gumii hoogganoota Yunaayitid Isteetisee fi Afriikaa Washingten Keessaageggeeffamuufi
Gumii hoogganoota Yunaayitid Isteetisee fi Afriikaa Washingten Keessaageggeeffamuufi

Bulchiinsi Baayiden, wal ga’ii jiloota Afriikaa 50 Washingten keessaa, kanneena akka fayyaa, dimokrasii, bulchiinsa, investimentii, misooma, jijjiirama qilleensaa fi rakkoolee kanneen biroo irratti mari’achuu dhaan, waaltaalee Afriikaa, lammiiwwanii fi biyyoota guddisuu akkasumas ga’oo taasisuuf akka itti fayyadaman kan abdatan ta’u angawoonni bulchiinsichaa gameeyyiin kamisa kaleessaa dubbataniiru.

Wl ga’ii hoogganoota Ameerikaa fi Afriikaa torban dhuftu geggeessamu irratti, hirmaattonni, chaayinaa Hindii, ardii Ameerikaa fi dachii Awrooppaa irra jireessaa caalu irra kan jiraatuu fi baay’inni uummata isaa addunyaa keessaa harka shan keessaa harka tokko kan ta’ee fi afaan addunyaa irra jiru sadii keessaa tokko kan keessatti dubbatamu ardii Afriikaa rakkoolee mudate, waan isa barbaachisuu fi abdii hegere jiru irratti guyyoota sadiif Washington keessatti mari’achuuf jiru.

Gumiin hoogganootaa Kibxata dhuftu jalqabamu kan irratti fuuleffatu, michummaa Ameerikaa fi Afriikaa kan yeroo dheeraa daran cimsuu akkasumas dantaa waliin jiru jajjabeessuu, sagalee lammiiwwan Afriikaa akka dhaga’amu gochuu dhaan rakkoolee bara kana mudatan waliin ta’uun irra aanuuf jechuu dhaan hoogganaan gameessi bulchiinsa Baayiden tokko dubbataniiru.

Dubbi himaan gumii nageenya biyyoolessaa VOAf akka himanitti, jiloonni 50n afeeraman gamtaa Afriikaa dabalatee biyyoota 49 irraa dhufan gumii kana irratti akka hirmaatan kan mirkaneessan yoo ta’u, garuu sadarkaa mootummaa isa kam irraa akka ta’e hin ibsine.

Biyyoonni shan kan hin affeeramne ta’uu White House beeksii jira. Gamtaan Afriikaa Burkinaa Faasoo, Maalii Giinii fi Sudaan sababaa isaan heera biyyaan ala mootummaa jirjjiiranii fi kan irraa hambise yoo ta’u, Yunaayitid Isteetis kan mooggaatti baate Eertraa wlaiin illee hariiroo diplomaasummaa hin qabdu.

Jiloonni martinuu hoogganoota biyyaa erguuf karoora kan hin qabne ta’uu angawoonni gaazixeessota VOA kutaa Afriikaa adda addaaf kan ibsan yoo ta’u, angawoonni sadarkaa ol aanaa kallattii dhaan yoo hin hirmaatin hagam bu’aa akka qabaatu gaaffii kaasanii jiru.

Prezidaantiin Sudaan ministrii haajaa alaa ofii erguuf jiru. Kan biyyi isaanii walitti bu’iinsa gosaan raafamaa jirtu muummichi minsteeraa Itiyooophiyaa, waltajjii dhiiraan dhuunfatame irratti prezidaantii dubartii ka biyyattii akka bakka isaa bu’aniif erguuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG