Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Waa’ee Eedsii Inni 18ffaan Xumurame.


Prezidaantii haaraa kan hawaasa Eedsii adunyaa Dr. Elly Katabira
Prezidaantii haaraa kan hawaasa Eedsii adunyaa Dr. Elly Katabira

“Aadaan fudhaa fi heerumaa boddatti hafaa fi barmaatileen midhaa geesisan faca’insa vayirasii HIV irratti qooda guddaa qabu” jedhu Obbo Seeyifuu Taaddasaa CARE ETHIOPIA irraa.

Seenaa keessatti yeroo duraaf, lammii Afrikaa fi dhalata Ugandaa ka ta’an Dr. Elly Katabiraatiif barcuuma hogganummaa hawaasa Eedsii kan addunyaa kennudhaan konfrraansiin sadarkaa adunyaatti Eedsii ilaalchisee VIenna, Austria keessatti geggeessamaa ture xumuramee jira.

Dr. Katabiraan haasawa dhagesisaniin, kanneen vayrasii HIV waliin jiraatan gutummaa addunyaa irratti dhaqqabuu akka danda'amutti, biyyonni duureeyyiin waadaa mallaqa kennuuf seenan akka eegan gochuuf dhiibu qabna, jedhan.

Mata dureen Gumii Eedsii kan bara 2010 “Mirgii keenya asumatti ammuma” ykn afaan Ingliziin “Rights here, right now “ ka jedhu ta’uu kan ibsan, hirmaataan gumii kanaa obbo Seeyifuu Taaddasa “Keer-Itiyoophiyaa" irraa, waa’een Afrikaa gumii kana irratti ilaalcha guddaa argachu isaa ibsan.

Keessumaa Afrikaa Kibbaa keessatti dhimma Eedsii irratti hojii guddaan hojjetame ajaa’ibsifannaa guddaa argachu dubbatanii, haati otuu vayirasii HIV qabduu ulfoofte akka vaayiresicha mucaatti hin dabarsinee ittisuu gama ilaallateen akka daranuu gad-fageenyaan hojjetamuu qabu hubachiisan, Obbo Seeyifuunn.

Adunyaa irratti namni marti Vayirasiin HIV qaama isaa/ishee keessa jiraachuu fi dhiisuu baruuf carraa argachu qaba, yaadni jedhu jabinaan irratti mari’atamuu isaa kan ibsan obbo Seeyifuun, aadaan fuudhaa fi heerumaa boodatti hafaa fi barmaatilee boodatti hafoon, gama faca’iinsa vayirasii Erdsiin qoodni qaban hedduu tahuu ibsuun,uummata barsiisuun barbaachisaa ta’uu illee dubbatan.

Mallaqni gargaarsaan kennamu kallattiidhaan namoota dhukkuba Eedsiin rakkataa jiran dhaqqabu qaba ,jechuun prezidaantin Ameerikaa duraanii, Biil Klinten dubbachuu isaanii kan ibsan obbo Seeyifuun Afrikaa keessatti lakkofsi namoota Vayirasii HIV qabanii gad bu’aa akka jiru hubachisan jiru jedhan.

Adunyaan dhukkuba Eedsii ittisuuf maallaqa kennu gad cabsaa yeroo jiru kanatti, haawaasnii Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jiru wal ta’uun, kanneen dhukkuba Eedsiin rakkataa jiran gargaaruu qaba jechuun, Obbo Seeyfuu Taaddasaa VOAf ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG