Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Biyyoota Mirga Lammiiwwanii Dhiitan Irratti Qorannaa Geggeessuu Jalqabe 


Biyyoonni mirga lammiiwwan isaanii dhiituu fi walabummaa isaanii sarbuun himataman kan miseensota biyyoota 47 qabu marii gumii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa torbanneen sadiif itti fufuun qorannaa cimaan kan irratti geggeessamu ta’uun beekamee jira.

Gumiin Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Biyyoota Mirga Lammiiwwanii Dhiitan Irratti Qorannaa Geggeessuu Jalqabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:09 0:00

Gumiin miga nama akan tokkummaa mootummootaa gaaffii biyyoonni miseensota ta’an dhiyeessan haala qabiinsa mirga namaa Beelaaruus keessaa irratti mari’achuu ajandaa duraa godhata jedhamee eegama. Biyyattiin erga filannoon prezidaantummaa wal dha’e jedhame kan Hagaya 9 geggeessamee qabee jeeqamaa jirti.

Ajjeehaan seeraan alaa kan maqaa duula dawaa sammuu adoochu irratti geggeessame jedhamee fi ajjeechaa uummata kumaan laka’amaniif sababaa ta’e keessaa prezidaantiin Filippiin Rodriigoo Dutertee harka keessaa qabu ka jedhames mata duree ijoo dha. Sana malees dhiittaan mirga namaa yeroo dheeraaf ture irratti fuuleffatamuuf jira.

Gabaasaaleen ajjeechaa, dararaa, nama utuu adda hin basin hidhuu, humnaan nama butanii miliqsuu, dararaa quunnamtii saalaa fi yakkawwan kanneen biroon biyyoota kan akka Siiriyaa, Maaynamaar, Venenzuweelaa, Sudaan kibbaa, Liibiyaa, Iraanii fi Kaamboodiyaa keessatti raawwataman illee xiinxalamaa jiran.

XS
SM
MD
LG