Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Waa’ee Eedsii Irratti Dubbate Xumurame.


Daawwannaa Itiyoopiyaa kan Presidenticha Ameerikaa Duraanii Joorg Buush
Daawwannaa Itiyoopiyaa kan Presidenticha Ameerikaa Duraanii Joorg Buush

Dhukkuba Eedsii fi dhukkkuboota ka biroo quunnamtii saalaan daddabran Afrikaa keessaa mata duree jedhu jalatti Finfinnee keessatti guyyaa shaniif mari’ataa kan ture walgahiin sadarkaa addunyaa xumuramee jira.

Walgahii kana irratti namni kuma kudhan caalu hirmaachuu isaa kan ibsan ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Tewodroos Adnaahoom, mata dureen caalaatti irratti dudubatame, waa’ee maallaqqa dhukkuba Eedsii ittisuuf ramadamu gad cabaa adeemuu isaa ti jedhan.Keessumaa bara darbee addunyaa kufaatiin dinagdee eega mudatee as, maallaqnni kennamaa ture hanqataa dhufuu ibsuun rakkoon yeroo mudatu addunyaan caalaatti harka wal qabachuutu irra ture jedhu Dr Tewoodroos.

Hogganonni biyyooota guddataa jiranis gargaarsa biyya alaa irraa argamu qofa eeguu otoo hin taane qabeenyaa biyya ofii keessaa qabanis itti gargaaramuuf yaaluu qabu jechuun walgahiin kun walii galuu isaa ibsameera.Dhiiroota irratti kittaannaa ykn dhanna qabaa gageesuun dhukkuboota qunnamtii saalaan dhufan gad cabsuu irratti bu’aa gaarii argamsiisuun isaas ibsameera.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG