Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afriikaa Braasels Keessatti Geggeessamu Ajandaalee Ijoo Irratti Fuuleffata


Gumiin Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afriikaa Braasels Keessatti Geggeessamu Ajandaalee Ijoo Irratti Fuuleffata
Gumiin Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afriikaa Braasels Keessatti Geggeessamu Ajandaalee Ijoo Irratti Fuuleffata

Investimentii magariisa,koolu galtummaa, dhimmi nageenyaa fi dhiyeessiin talaallii qixxee hin taane ajandaa ijoo kan hoogganoota Afriikaa kanneen kamisa har’aa gumii guyyoota lamaa kan hoogganoota gamtaa Awrooppaa fi gamtaa Afriikaa Brasels keessatti argamanii ti.

Lammiiwwan Awrooppaa dhibba irraa harki 70% yoo xiqqaate talaallii vaayiresii koronaa doosii tokko kan fudhatan yoo ta’u, Afriikaa keessaa immoo dhibba irraa harka 16% qofaatu fudhate. Wal caalmaan kun ajandaa gumii sanaa isa ijoo keessaa ti.

Talaallii gumaachuun waan tokko, garuu uummatti tallaalamuu isaa mirkaneessuun immoo ka biroo dha, kanaaf haqi jiraachuun arjoomuu caala.

Jijjiirama sirnaa, doktorota, nersoota, hospitaalotaa fi meeshaalee wall’aansa fayyaa qabee, hanga hayyoota saayinsii, taknooloojii fi qorannaatti argachuu danda’uuf karaan jiraachuu gaafata. Dhuma irrattis dandeettii waa oomishuu haaraa gaafata jechuu dhaan Awrooppaatti komishinerri fayyummaa fi qulqullina nyaataa Stella Kyriakiides jalqaba torban kana beeksisaniiru.

Gamtaan Awrooppaa investmetnii Afriikaa keessaa guddisuuf karoorsee jira. Gumiin gamtaa Afriikaa fi gamtaa Awrooppaa siyaasaa fi dinagdee ardii amaanii cimsuuf carraa ijoo dha.

Koolu galtumma akkaataan itti qabamu illee ajendaa Awrooppaa isa duraa ta’uu daayirikterri waaltaa qorannaa Ka Naayiroobii HORN Internaashinaal jedhamuu Hassan Khanneenjee dubbataniiru. Nageenyi Afriikaa keessaas gumii kana irratti ka’uuf jira. Wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa, koolu galtummaa Maalii, Moozaamiik, ripaablikii Afriikaa waaltaa, Naayijeeriyaa fi Somaaliyaa keessaa illee ni dabalata. Fonqolcha mootummaa waraanaaan geggeessamu ilaalchisee ka jirus qaama marii Sanaa ta’uuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG