Afgaanistaan keessatti Hagayya 15 kaasee Taalebaan aangoo eega qabatee as miseensonni mootummaa biyyatti ka duraanii fi humnootii nageenyaa kannen turanii akkasumas kanneen humnootii addunyaa waliin hojjataan turan namoonnii 100 caalaan ajjeefeesuu isaaf himata qabatamaatu jira jechuun barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees ibsanii jiru.
Dhaabbati oduu Asoosheetid Prees Gutarrees jedhan jechuun Dilbata kaleessaa akka gabaaseetti, kanneen ajjeefaman kana 3 keessaa harka lama kan caalan seeraan ala Taalibaan ykn kanneen isatti hidhata qabaniin ajjeefaman.
Kanneen mootummaa duraanii fi humnootii alaa Amerikaan hogganaman waliin hojjataa traniif Taalibaan waliigalaan dhiifama godheera eega jedhee booda ajjeefaman jedhan.