Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Bishaan Addunyaa Har’a Yaadatamee oleera


Guyyaan Bishaan Addunyaa Har’a Yaadatamee oleera
Guyyaan Bishaan Addunyaa Har’a Yaadatamee oleera

Bitooteessi 22 guyyaa bishaanii jedhamuun sadarkaa addunyaatti yaadatamaa jira.Qiyyaafanni baranaa bishaan lafa keessaa kan yoo qotamee addunyaaf bishaan haaraa kennu irratti ture.

Bishaan biyyoo jala jiru dhagaa gidduu suuta socho’uu madda bishaan dhugaatii kan sadarkaa duraa ta’uun addunyaa walakkaa kan gargaaru yoo ta’u, biqiltuwwaniif akka jallisiitti gargaara.

Bishaan akkasii kun yeroo eegamee dursuun dhumaa jira yaaddoo jedhu qabu kanneen kunuunsa naannoof qabsa’an.

Mootummaan Fedeeraalaa kanSomaaliyaa caama hamaa biyyatti miidhaa jiruun kan ka’e labsii yeroo hatattamaa labsee jira.Caamnii mudatee hanqiina bishaanii hordoofsisuu isaan, hanqiinni bisaan dhugaatii fidee qulqullina naannoo eeguu dadhabuu fi weerara dhukkubaaf karaa bane.

Gama kaanii guyyaa bishaan addunyaa kana sababeeffachuun dhaabnii da’immanii Yuniiseef fi michoonni isaa, ijoollee fi maatiiwwan Itiyoophiyaa keessaa bishaan akka argatan, qulaullina ofii fi kan naannoo isaanii akka eegan gochuuf walitti fufiinsaan hojjataa jiran.

Garu rakkoon jiru guddaa dha. Ummanni miliyoona 89 bishaan qulqulluu argachuuf carraa hin qabu. Kunis heddumina uummata Itiyoophiyaa afur keessaa harka sadii caala.Ijoolleen immo 100 keessaa harkii 90ni qulqulliina naannoo ka bu’uraaf carraan qaban hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG