Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Goototaa Yunaayitid Isteetis Keessatti  Har’a Kabajamee Oole


Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydan abaaboo yaadannoo goototaaf kaahan, Sadaasa11, 2021

Yunaayitid Isteetis Kamisa har’aa guyyaa gootototaa waraana biyyattii keessa tajaajilan kabajaan yaadatte. Ayyaanni kun guutummaa biyyattii keessatti sirnaawwan fi hiriiraawwaniin ayyaaneffamee oola.

Ayyaanni waggaa kanaa, waggaa 100ffaa loltoonni hin beekamin kanneen bakka awwaalchaa Arlington National Cemetery jedhu kan dugdee Washington jiruu itti hundeeffamee waliin wal irra oola. Siidaa seena qabeessaa fi bakka boqonnaa miseensota tajaajila waraanaa kan ta’e kana irratti waraana addunyaa tokkoffaa fi lammaffaa akkasumas ennaa waraana Kooriyaa waliin ture kanneen reeffi isaanii hin argamin hafeef kan dhaabate illee of keessaa qaba.

Ayyaanni goototaa kun jalqaba guyyaa meeshaa waraanaa jedhamuun wlaii galteen waraana addunyaa kan itti xuurame jedhamee kanneen Jarmanii waraana irra turan harka itti kennatan bara 1926 keessa kabajamuu qabe. Booda irra kongresiin bara 1954 keessa guyyaa goototaa jechuun akka kabajamu beeksise.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG