Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baayiden Guyyaan Gabrummaan Itti Xumurame Ayyaana Federaalaa Akka Ta’u Raggaasisan


Faayilii - Hiriira guyyaa 'Juneteenth' Waxabajjii 19, 2020, Waashingitan, DIisii
Faayilii - Hiriira guyyaa 'Juneteenth' Waxabajjii 19, 2020, Waashingitan, DIisii

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Yunaayitid Isteetis keessatti ayyaana biyyoolessaa haaraa guyyaa itti garbummaan itti xumurame akka yaadatamu seera eeyamu kamisa har’aa mallatteessuuf jiru. Juneteenth jedhamuun kan beekamu guyyaan walabummaa waggaa waggaatti Waxabajjii 19 yaadatamee ooluuf jira.

Ayyaanni biyyoolessaa kun bara 1865 keessa prezidaant Abrahaam Linken seera walabummaa gabrummaa mallattiissanii waggoota lamaa guyyaa loltoonni garee gurraachotaa kutaa Teksaas Galvesten keessa turan wlaboomuu isaanii itti beeksisan irra oola. Kutaaleen Yunaayitid Isteetis hedduun guyyaa “Juneteenth” jedhamu kana duruu kabajaa jiran.

Ayyaana federaalaa 10tti dabaluu dhaan erga guyyaan dhaloota Martiin Luther King bara 1983 keessa ayyaana biyyoolessaa ta’ee as isa jalqabaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG