Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haajii Barana 2019f Musliima Miliyoona Lamaatti Gaara Arafaatitti Walti Dhufe


Muslim pilgrims gather on Mount Mercy on the plains of Arafat during the annual haj pilgrimage, outside the holy city of Mecca, Saudi Arabia August 20, 2018.

Gaarii Arafaati gaara Musliimaaf 'gaara araaraa'.Nabii Mohaammad bara 1,400 dura gaara kana koree tokkummaa fi walqixummaa Musliimaa barsiise.

Baranallee bokkaan guddaan mandiisuu,karfaffuu fi bubbee qabu roobulleef jedhee hin dhamnee nama miliyoona lamaatti gaara Arafaati kore.

Akka Sheikh Mohammed bin-Hassan al-Sheikh masjida Numeira gaara Arafaai irra jiru keessaa ummataa haajii dhufeen jedhetti jrieenna keessaa wannii guddoon araara.

“Waaqii warra namaa nahee naha,warra namaa araaramee araarama.Namuu abbaa fi ilmii dhiiraasaa fi niitiin maatiin walii araaramuu male.”

Akka Mohammed Salah Bintan, ministerii warra haajii dhaqeef itti gaafatamaa tahee jedhetti mootummaan Sawudii barana lafa haajii itti dhaqan akka dansaa midhaassee jaare.

Musliimii barana haajii dhaqee guyyaa dheengaddaa gaara Arafaatiin bahee galgala ammoo qooqayee Muzdalifa bulee horii qalatee Haajii fixate.

Gaarii Arafaati gama Bahaatiin Makkaa irraa km 20 fagaataa km 70 dheerata. Akka amantii Musliimaatti gaarii Arafaatai “Gaara Araaraati.”

Barana nama miliyoona lamaatti gaara Sawudii Arebiyaa kana koree waaqa ufii yaammate.Achiin dubatti yoo Ed gahan horii qalatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG