Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seneterri Yunaayitid Isteetis Tokko Haala Mirga Namaa Ruwaandaa Ilaalchisee Deggersi Biyyi Isaanii Gootuuf Akka Turu Gaafatan


FAAYILII- Meeshaa waraanaa Koongoo naannoo Goomaa, Caamsaa 25, 2022.
FAAYILII- Meeshaa waraanaa Koongoo naannoo Goomaa, Caamsaa 25, 2022.

Dura taa’aan koree hariiroo alaa Seenetii Ameerikaa akka jedhanitti, yaaddoo galmee mirga namoomaa mootummaan Ruwaandaa fi gahee wal dhabdee Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti qabu ilaalchisee gargaarsa nageenyaa Ameerikaan Ruwaandaaf kennitu Kongireesii akka turrsu kan taasisan ta’uu beeksisan.

Xalayaa Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken’f barreessan keessatti, Senetar Roobart Menendez imaammata Yunaayitid Isteeiys Ruwaandaaf qabdu bal’inaan akka ilaalamu gaafataniiru.

Menendez, deggersa doolaara miliyoona hedduu gurmuu naga eegumsa Ruwaandaa kan tokkummaa mootummootaaf kennamu kan qabamu ta’uu dubbachuu isaanii xalayaan miidiyaaleef miliqee dhaqqabee fi waajjirri isaanii dhugaa ta’uu isaa mirkaneesse ni mul’isa.

Menendez akka jedhanitti, deeggarsi Yunaayitid Isteetis waraana Ruwaandaaf gootu, yeroo Koongootti bobba’ee fi ennaa kanas finciltoota deggeruun isaa “mallattoo yaaddessaa kan Yunaayitid Isteetis gocha akkasii tooftaan raggaasisuu ishee ka mul’isu fakkaata jedhan.

Gareen finciltootaa M23 dhuma baatii Bitootessaa keessa biyyoota daangaa baha Koongoo Ruwaandaa waliin wal daangessu irratti haleellaa guddaa jalqabe. Koongoon Ruwaandaan M23 deeggartee jirti jechuun himattee jirti, kanas Kiigaaliin ni haale. Yunaaytid Isteets bara 2021tti deeggarsa alaa doolaara miiliyoona 147 ol Ruwaandaaf ramaddee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG