Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ka bara 2010 irratti Gabaasaa Waggaa Yunaayitid Isteets Baaste


Caamsaa saddeet, bara 2011 Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti Biiroo Dimookiraasii, Mirga Dhala-namaa fi Hojjetootaan kan ifatti facaasame Gabaasaan waggaa haala qabinsa Mirga Dhala-namaa Itiyoophiyaa ibsu “Ajjeechaa seeraa-alaa, dararaa fi reebicha dabalatee miidhaaleen mirga namoomaa deggertoota mormitootaa irratti raaw’atamuun gabaasamanii jiran” jedha. Ministiriin Dhimmma-alaa Itiyoophiyaa immoo gama isaaniitiin, “gabaasaan kun kan hundee hin qabne, kan oduu dharaa fi gamaaggama dogoggoraa irratti hundaa’e” jechuun ibsa baasee jira.

Bara 2010, baatii Amajjii keessa Buluchisa naannoo Oromiyaa, Godinaa Arsii Dhihaa, Koolejii Ardaayitaa keessatti mormii barattootaa ka’ee ture irratti Poolisoonni Oromiyaa barattoota lama rasaasaan rukkutan. Barattoota sana keessaa tokko ni du’e. Jeeqamni sun wal-dhibdee yeroo dheeraaf barattootaa fi bulchiinsa Mana-barnootaa gidduu ture irraa madde - ka jedhe - Mootummaan, Qondaalota Poolisii lama “ajaja sirrii hin ta’iin kennan” jechuun hojii irraa hari’e. Poolisiin tokko immoo “humna gita-malee gargaarame” jedhamuun ajjeechaa sanaaf himatamee, hidhaan itti murame - akka gabaasaa Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kanaatti.

Gaafa Bitootessa lamaa, Paartii garee mormitootaa Areenaa Tigiraay jedhamu irraa kaadhimamaa filannoo Paarlaamaa Federaalaa ka tahan Aregaawii Gabre-Yohaannis gama Tigiraay Dhihaa keessatti ajjeesaman. Hoogganaan Areenaa Tigiraay, Obbo Gabruu Asiraat akka jedhanitti, Obbo Aregaawiin doorsisaa fi hidhaa yeroo hedduu itti deddeebi’ee booda, dhuma irratti ajjeesaman. Moortummaan garuu, ajjeechaan sun wal-dhibdee dhuunfaa - Obbo Aregaawii fi maammila mana-nyaataa Obbo Aregaawii, Tsiggee Biraanee gidduutti uumameen ka raaw’atame jedhe. Tsiggeen ajjeechaan himatamee, hidhaan waggaa kudha-shanii tu itti murame.

Oromiyaa, Shawaa Dhihaa, magaalaa Baallammii ka jiraatu - Dargaggoo Biyyansaa Dhibbaa, Ebla 16, Hospitaala Finfinnee jiru keessatti du’uu ka dubbattu - gabaasaan Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitied Isteets “Warri Biyyansaa fi ollaan akka jedhanitti --- dargaggoon kun deggeraa Gurmuu paartii mormitootaa, kan Medirek yoo tahu Ajjeesamuu isaa torban lamaa dura Poolisoonni fi milishaan naannoo, mana isaatii gad-waamanii akka hamaatti tumuudhaan du’a kanaan isa gahan. Duraanis Poolisoota, aangawoota naannoo fi milishootaan doorsisamaa fi miidhamaa ture. Dura Hospitaala Ambootti yaalamee, dadhabamnaan gara Hospitaala Finfinneetti jiruuttii dabarsamee du’e.” jedha. Aangawoonni naannoo garuu, “Biyyansaan miseensa Paartii Mootummaa ti. Duuti isaa dhukkubaa duraanuu irra tureenii” jedha.

Ministiriin Dhimma-alaa Itiyoophiyaa gabaasaa Mirga Namoomaa Yunaayitid Isteets baaste kana mormuun ibsa baaseen “gabaasichi ka bara 2010nii kan dhibba irraa harka saddeettama tahu, gabaasaaleedhuma duraanii irraa ka garagalfame fakkaata. Kan hundee qabatamaa hin qabne, himannaalee hin amanamnee fi oduuwwan maddawwan qabatamoo hin ta’iin irraa maddan ka walitti guure” - jechuun balaaleffate.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG