Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalii Gargaarsa Namoomaa Tigraayii Rakko Keessa Jiraachuun Ibsame


Faayilii - Namoota midhaan qarqaarsaa dhihaate baatanii deeman, Ahguaalaa, Tigraay, Caamsa 8, 2021
Faayilii - Namoota midhaan qarqaarsaa dhihaate baatanii deeman, Ahguaalaa, Tigraay, Caamsa 8, 2021

Karaan bulchiinsa naannoo Affaar magaala Samaraa irraa kaasee gara Tigraayiitti geessu dhimma nageenyaatiin wal qabatee wan cufaa ta’eef hojjattoota dhimma namoomaa, midhaan nyaataa, boba’aa fi qodaawwan gargaarsa namoomaaf oolan kan biroo akka dabarsuun hin danda’amne ibsii wajjiraa barreessaa ol aanaa mootumoota gamtoomanii irraa bahe himeera.

Itti aanaa Dubbii himaa waajiraa Antoniyoo Guterees kan ta’an Farhaan Haq akka jedhanit,i midhaan gargaarsaa Tigraay keessaa jiru waan dhumaa jiruuf , qaamoleen Sagantaa midhaan nyaataa Addunyaa (WFP) wajjin hojjatan amma wixata darbeetti kan harkaa qaban waan namoota miiliyoonii 1.9f ta’u qafa. Rakkoon dhiheesii gargaarsaa jiraatus torban darbee keessaa namoottan 167,000f gargaarsa guchuun akka danda’amee ibisii waajiraa mootumoota gamtoomanii irraa bahe kun beekiseera..

Hirdhina boba’aa fi maallaqaa akkasumas rakkina karaa walquunnamiti irraa kan ka’e ojjatoonii jarmiyaalee miti-mootummaa fi dhaabata mootumoota gamtoomanii torban dhufu keessaa Tigraay keessatii gargaarsaa gochuun akka isaan rakkisu ibsiichii beekisiseera.

Tajaajillii Ibsaa, bilbilaa, balalii xiyyaaraa fi mana baankii akka deebi’ee jalqabamus gaafateera ibsii kun.

XS
SM
MD
LG