Mooraalee baqattootaa Tigraay keessa kanneen jiraatan haalli baqattoota Eertraa kan isa yaaddesse ta’uu jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR beeksisee jira. Sababaa rakkoo nageenyaan torbanneen sadiif dhaqqabuu waan hin danda’amneef, erga haleellaan samii irraan raawwate kan boodanaatii as hojjettoonni gargaarsaa torban kana yeroo jalqabaaf Maay Ayinii fi Addi Aruush kan jiran mooraalee baqataa naannoo Tigraay keessaa dhaqqabanii jiru.
Gareen gargaarsaa kan jaarmiyichaa, baqattoonni kun sodaa keessa kan jiranii fi nyaata ga’aa argachuuf rakkataa kan jiran ta’uu akkasumas hanqinni dawaa jiraachuu isaaf, bishaan qulqulluu argachuuf malli jiru xiqqoo dha jedhan.
Torbanneen ja’an darban keessa dhibee ittisuun danda’amuun namoonni 20 ol du’uu isaanii baqattoonni kun UNHCRtti himaniiru. Walumaa gala haalli jiru gad adeemaa deemuu isaa fi keessumaa hanqina daawaa fi tajaajila eegumsa fayyaan wal qabatees rakkoo hamaan jiraachuu ibsanii jiru.