Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Caamaa Boorana fi Godinaalee Naannoo Yoo Daran Gargaarsi Hin Dhaqqabne Yaaddessaa Dha


Rakkoo caamaa hamaa yeroo ammaa biyyoota Gaanfa Afrikaa mudatee jiruun Itiyoophiyaa keessatti naannooleen akka hamaatti miidhaman Kibbaa fi Kibba-bahaa biyyattii tahuu, aangawoonni mootummaa Itiyoophiyaa fi sabaa-himaalee fi qaamonni sadarkaa Addunyaa dubbataa jiran. Akka Mootummaan Itiyoophiyaa jedhutti, naannoon Booranaa fi Gujii bakkawwan akka hamaatti miidhaman sana keessaa tokko.

Bara 2003 hundeessamee, bara 2005 irraa jalqabee ka naannoo Booranaatti hojii gargaarsaatti bobba’ee jiru Dhaaba Gaayoo yokaan Gayo Pastoralist Development Inititaitive jedhamuuf daarektara ol’aanaa ka tahan, Obbo Jaatanii Soraa haala caamaa Boorana keessaa jiru ennaa ibsan bokkeenni Fulbaanaa, ka silaa Fulbaanaa fi Onkoloolessa keessa roobuun irra ture hin roobiin hafuu tu rakkoo caamaa kana daranuu hammeesse, jedhu Obbo Jaataniin. Yeroo ammaa midhaan nyaataa gabayaa irraa hanqachuu, gatiin midhaaniis ol dabalaa deemuu dubbatu. Marrii fi bishaan dhibuu irraa uummatni hedduun akka godaanaa jiru illee dubbatan.

Gama biraan, dhaaba isaanii dabalatee Jaarmayaaleen gargaarsaa ka biyya keessaa fi ka sadarkaa Addunyaa jabinaan hojii gargaarsaatti bobba'anii jiran - ka jedhan, Obbo Jaatanii Soraa, dhaabbatoonni Mootummaas hojii jaarmayaalee kanaa qindeessuun Boorana keessatti akka hojii gaarii hojjetaa jiran dubbatu. Garuu, uummaticha balaa caamaa kana irraa dandamachiisuuf, gargaarsi daran dabalamee bifa qindaa'een itti fufuudhaa baannaan balaan hamaan akka dhufuu malu akeekkachiisan. Namootu Boorana irraa telefoonaan haasofsiise.

MP3 tuquun dhaggeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG