Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Jiru Baqatootaafis Akkaan Rakkisaa Dha.


Tunisiyaa keessatti kan jalqabame mormiin uummataa prezidaantiin biyyatti baqatanii akka ba’an gochuun, Masrii keessatti immo mormiin kun itti fufee jira.

kaayiroo,Masrii
kaayiroo,Masrii


Prezidaant Hosnii Mubaarak aangoo akka gadhiisaniif uummanni kan gaafate ta’us, Mubaarak garuu, filannoo dhufuutti hin hirmaadhu jechuun kan beeksisan yoo ta’u, aangoo gadhisuu ilaalchisee garuu kan dubbatan hin qaban.

Hiriirri Masrii keessatti jalqabamee kana guyyaa lama booda immo, Sana’aa Yemen keessattis hiriira wal fakkaataan geggeefamee ture.

Sana'a, Yemen
Sana'a, Yemen


Achittis waggaa 30 caalaa prezidaantii biyyatti kan ta’an Alii Abdullaah Saaleeh aangoo akka gadhisaniif uummanni gaafate. Saaleeh akkuma Mubaarak filannoo dhufuutti kan hin hirmaannee ta’uu paarlaamaa biyya isaaniiti beeksisanii jiru.

Jordan keessattis mormiin uummataa eega dhaga’amee booda mootiin biyyatti Abdullaan mootummaa ofii diiganii jiran.

Mormii uummataa kan kaayiroo fi sana’aa keessatti geggeefame ilaalchisee gaaffii fi deebii gaggeefame fi xinxala siyaasaa kenname MP3 tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG