Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haallii Tigraay Keessaa Sukanneessaa Dha: Dr. Tedroos Adihaanoom 


 Dr. Tedroos Adihaanoom (suuraa faayilii)
Dr. Tedroos Adihaanoom (suuraa faayilii)

Walitti bu’iinsa Tigraay keessaa akkaan sukanneessaa, uummannis beelaan du’aa, ka jiruu fo dhaabbattonni tajaajiila eegumsa fayyaa manca’anii, humnaan gudeeddiin to’annaan ala ta’e jira jechuun daayreekteerri walii gala kan jaarmayaa fayyaa addunyaa(WHO) Dr. Tedroos Adihaanoom hubachiisanii jiru.

Mummichi miniateera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad TPLF mooraa waraana Fedeeraalaa irratti haleellaa banee himata jedhuun baatii Sadaasa darbee waraana isaa gara Tigraayti erganii, gara dhuma baatii sanaa immo waraanni biyyatti Maqalee ennaa seenuu kan badhaasa Noobeel argatan Dr. Abiyyi Ahmad injifannoo labsan,

Garu wal waraansii itti fufee baatii 6 kan lakkoobsiisee yoo ta’u himannaan fixiinsaa fi humnaan gudeeddii waraana Itiyoophiyaa fi Ertraan kan gaggeeffamuu ta’u ibsamee jira.

Addaan ituu hin baasiin ajjeechaa gaggeeffamuu fi hokkarri saalaa walitti bu’iinsa keessatti babal’achuu kan balaaleeffatan Dr. Tedroos, humnaan gudeeddii to’annaan ala ta’eera, addunyaa irratti iddoo kamiittuu heddumiina haganaan humnaan gudeeddiin akkasii rawwatameera jedhee hin yaadu jedhan

Dr.Tedroos akka jedhanti uummanni Miliyoona 5 ta’an kan Tigraay keessaa yeroo ammaa gargaarsa dhala namaa keessumaa gargaarsa nyaataa barbaadu kan jedhan Dr. Tedroos namoonni baayyeen sababaa beelaan du’aa akka jiran akkasumas hanqiinni nyaataa hamaa fi salphaan babal’taa jira jedhan.

Gabaasa guutuu caqasaa

Haallii Tigraay Keessaa Sukanneessaa Dha: Dr. Tedroos Adihaanoom
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG