Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haanga’oonni Ugaandaa akka gaafataman Dhaabbanni mirga namoomaa gaafate jira


Suuralee namoota humna mootummaa Ugaandaan ajjeefaman jedhamanii, Kampaalaa, Ugaandaa, Bitootessa 21, 2022.
Suuralee namoota humna mootummaa Ugaandaan ajjeefaman jedhamanii, Kampaalaa, Ugaandaa, Bitootessa 21, 2022.

Dhaabbanni mirgaa namoomaaf falmuu Hiyumaan Raayits Wooch siviilotaa lammiilee biyaa Ugaandaa dhibbaatamaan lakkaawaman, warreen umnaan qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamne fi warreen reebichii hamaan irratti raawatyameef Ejensiin dhimma tikaa mootummaa Ugaandaa akka itti gaafatamu qabu ibseeraa.

Gabaasni mata-duree > jedhuun bahe kun, waa’ee umnaan fudhatamanii bakkaa buuteen dhabamuu, wa’ee seeraan alaa qabamuu fi hidhamuu,waa’ee reebicha hamaa akka of keessaa qabu ibsameeraa.

Tarkaanfiwan kun kan haa ta’u jedhamanii fudhataman, umna poolisii, umna waraanaa, tika umnoota waraanaa, umna tikaa biyyaalessaa mootummaa Ugaandaatiin akka ta’e gabaasaa HRW kana keessatti ibsameera.

Akka gabaasichii dabalee jedhetti, taateewwan kun kan raawwataman bakkeewwan seeraan ala ta’anitti baraa 2018 fi 2019 akkasumas, yemmuu filannoo Amajji bara 2021 keessa.

Waraanii Ugaangaa gabaasnii Hiyumaan raayits wooch siyaasa fi waan ragaa hin qabneedhaa jechuu isaa gabaasni Haliimaa Athumaanii kaampalaa irraa VOAdhaaf ergitee ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG