Gorsaan dhimmaa tika nageenyaa yunaatitid Isteets Jaak Suliivaan gitaa isaanii gorsaa dhimmaa nageenyaa mootummaa Afrikaa kibbaa Syidinii Muufaamaadi waliin guyyaa har’aa maryachuun isaanii beekameeraa.
Waltii dhufeenyaa yunaayitid Isteets fi Afrikaa kibbaa jabeessuu irratti ijjannoo hogantoonii biyyoottan lamanii qaban irratti hundaa’udhaan marii taasifame kana irratti, balaa lolaa roobaa dhiheenyaa kana kutaa biyyaa Afrikaa kibba Kwaa Zuuluu Naatal midhaa qaqqabeef U.S akka deggersa taasiftuu Jaak Suliivaan akka dubbatan gabaasameera.
Karaa biraatiin Rakkina Yukireen keessatti dhalateen walqabatee us Afrikaa kibbaa waliin dhiheenyatti hojachuudhaaf qophooftuu ta’uu ishee Jaak Sulivaan ibsaniiru.
Tunaayitid Isteets, karaa daldalaatiin, inveestimentiidhaan, karaa eegumsaa fayyaatiin, karaa jijjiiramaa qileensaa, karaa tarkaanfii farraa shororkeesummaa, akkasumas karaa nageenyaa naannoo irratti Afrikaa kibbaa wajiin akka hojatuu kan ibsee gabaasinii kun, walwaraansii Yukreen keesaa jiruu mi’aawwan barbachisaa ta’an irratti gatiin inii dabalchiiseef, wabii midhaan nyaataa ilaalchisee dhiibaan innii Afrikaa irratti uumee marii haanga’ootaa lammanii keessatti ka’uun isaa ibsameera.