Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hagayitii ji’a jara lubbuu ufi jibbaatee waraanaa fi balaa uumamaa  jidduu yaa’ee lubbu namaa oolchuuf hojjatu itti ulfeessan 


World Humanitarian Day
World Humanitarian Day

Dhukkuba,waraana,dhibamaan wallaanuu,balaa uumamaajalaa nama baasuu fi waan hedduu jidduu yaa’ee warrii nama gargaaru gosa hedduutti jira.

Ogeeyyota,fayyaa tahee warrii hujii akkanaa hojjatu hedduu.Jarii kun namaaf jedhee lubbuu ufii dhabuutti jira tanuma keesa nama nagaa milyoona hedduu waraana jidduu duudee gargaara.

Barana Hagayya 19 irra oola guyyaan kun.Tokkummaan Mootummootaa warra namii quba hin qamnee ka ammoo nama jedhee lubbuu dhabuutit jiru qaabachuu fi ulfeessuuf jedhee gannuma gannaan Hagayya keessa qophii akka akkaatiin jara kana ulfeessa.

Tokkummaa Mootummootaa Hagayyaa bara 2013 keessa eegii waajjira isaa Iraaq Baagdaa keesatti bakka bu’aa isaa Iraaqi jiru waliin nama 22 fixaniin duubatti guyya kana ulfeessuutti jira.

Eegii sunii asitti hojjatoota tolaan nama gargaaran 5000 caalaatti waraana jidduutti dhumee,asi cophxee dhabanii,madaahanii waan hedduu tahan ammoo madaahe,Afgaanistaanii fi hedduu jidduu yaa’ee nama gargaara.

Jarii tolaan nama gargaaru kun yoo hedduu biyya akka Siiriyaa,Suudan Kibbaa,DRC,CAR fi fulaa hedduu yaa’ee nama gargaara.

Bari kuma 2019 bara jari kun haga guddaan itti miidham.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG