Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Milishoonni Mooraa Baqataa Rippaablikii Dimokiraatawaa Koongoo Irratti Geggeessame Yoo Xiqqaate Namoota 60 Galaafate


Mooraa baqattootaa ripaablikii dimoktaatawaa koongoo gama bahaa jiru irratti roobii har’aa ganama haleellaa milishoonni raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 60 ta’an ajjeefamuu hoogganaan garee gargaarsa namoomaa kan naannoo sanaa fi kanneen ijjaan argan beeksisaniiru.

Maddeen lamaan Rooyitersiif akka himanitti milishoota walta’iinsa misooma koongoo jechun of waaman kan CODECO jedhamantu haleellaa mooraa Saavoo kan konyaa Ituurii keessaaf itti gaafatamoo dha.

Loltoonni CODECO waggoota dhiyoo as Ituurii keessaa siivilota dhibbaan laka’aman yoo ajjeesan kanneen kumaan laka’aman immoo qe’ee irraa baqachiisaniiru jechuu dhaan tokkummaan mootummootaa beeksisee jira. Haleellaan dhiyeenyaas buqqaatota irratti kan qiyyaafate ture.

Jiraataa mooraa sanaa kan ta’an Lokaanaa Baalee Lussaa akka jedhanitti jalqaba siree irra utuun jiruun boo’icha dhaga’ae. Achiin baqadhe, ibiddaa fi namoota gargaarsaaf iyyatanan arge jedhanii ennaa dhuma sana milishoonni CODECO qe’ee keenya weeraruu isaaniin hubdhe jedhan.

Mooraa Saavoo keessa namoonni 4,000 ta’an kan jiraatan ta’uu tokkummaa mootummootaa beeksisee jira. Dubbi himaan mootummaa dhimma kana irratti ibsa kennuuf battala argamuu hin dandeenye.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG