Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Naayjeriyaan Samii Irraa Gaggeessite Nijeer Keessatti Ijoollee Torba Galaafate


Waraannii Naayjeriyaa biyya ollaa taatee Nijeer gama kibbaa keessatti haleellaa samii irraa shiiftoota irratti gaggeesse ijoolee torba ajjeesee kanneen biroo 5 madeessuun ibsamee jira.

Bulchaan kutaa Maraadi kan cina Naayjeriyaatti argamtuu Chaiboo Abubakar haallii kun uumamuu dhaabata oduu Faransaayiif Dilbata kaleessaa mirkaneessan.

Abubakar akka jedhanti haleellaan kun kan gaggeessame Jimaata dabree yoo ta’u, kunis ganda Nachaade keessatti yoo ta’u ijoolleen 4 battalumatti du’anii kaneen biroon immoo gara Hospitaalaa geeffamaa ennaa jiran du’an.

Haleellaa Naayjeriyaan samii irraa daangaa irratti gaggeessite kan dogoggoora qabuu fi lafa keenya irratti lubbuu namaa galaafate jedhan.

Daayreekteerrii odeeffannoo ittisaa kan Naayjeeriyaa Jimii Akpoor gama isaaniin akka jedhanti qorannaan gaggeeffamaa jira.

Akka imaammata qabnutti jedhan, humnii qilleensaa kan Naayjeriyaa lafa daangaa ofii bira dabree haleellaa gaggeessuun irra hin jiru jedhan.Bara 2018, Nijeer daangaa Naayjeriyaa waliin qabdu irratti nageenya kan cimsiite yoo ta’u, kunis ala bultoonni akka hin seenne ittisuuf ture.

XS
SM
MD
LG