Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Qilleensa Irraan Maqalee Irratti Raawwatamuu Angawoonni Eegumsa Fayyaa Maqalee Keessaa Beeksisan


FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay, Amajjii 5, 2020
FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay, Amajjii 5, 2020

Maqalee keessatti kan argamu Hospitaala tokko cinatti haleellaan qilleensa irraan raawwatamuu hoogganaan hospitaala ka biroo namoota halellaa kanaan du’an simatee beekssaniiru. Lolli kun yeroo torban hin guunne keessatti walii galtee lola dhaabinsaa ji’a afuriif ture diigee jira.

kan dhuma bara 2020 irraa eegalee lola irra jiran, Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) kan naannicha to'atu, fi mootummaan giddu galeessaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimad, walitti bu'insa haaromfameen gargaarsa midhaan nyaataa baay'ee barbaachisu danqamuu isaaf wal komachaa jiru.

Hoji gaggeessaa olaanaa Hospitaala Waliigalaa Ayder Kibrom Gebreselaasee Kibxata darbe gara galgala naannoo hospitaala waliigalaa Mekelleetti dhihoo jiru rukutamuu isaa tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Miidhaan hagamee akka dhaqqabee fi namni hagamii akka du’e ifaa hin turre.

Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa Lagesse Tulluu, dubbi himaan waraanaa Koloneel Geetinnet Adaanee fi dubbi himaan muummicha ministeeraa Billene Siyyum gaaffii yaada akka kennaniif dhiyaateef deebii hin kennine.

Dubbi himaan ABUT Obbo Getaachoo Redaa tiwiitara isaanii irratti akka jedhanitti yoo xiqqaate boombiin sadii darbamuu isaa fi hospitaalli Mekellee kan irratti fuuleffatame keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Doktarri biraa hospitaala Aayder irraa, halkan gara galgalaa dhohinsa sadii dhaga'uu Rooyitarsiif mirkaneessaniiru.

Rooyitars erga waraanni Ityoophiyaa waggaa tokkoo oliin dura gamas dhiisee bahee as naannichi bilbilaan quunnamtii waan hin qabneef mirkaneeffachuuf namoota magaalaa Mekel jiran qunnamuu hin dandeenye.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG