Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa TPLF Naannoo Affaar Ab’aalaatti Geggeesse Gargaarsa Tigraayitti Ergamu Danquu Mootummaan Beeksise


FAAYILII- Humnoota Tigraay Hawzeen keessatti, Caamsaa 7, 2021
FAAYILII- Humnoota Tigraay Hawzeen keessatti, Caamsaa 7, 2021

Sababaa haleellaa TPLFn tajaajilli geejjibaa seenus ta’e ba’u addaan cituu isaa jiraattonni naannoo Affaar kan Ab’alaa keessaa ibsaniiru. Kanneen ijaan argan VOAf akka himanitti, TPLF erga magaalaa Ab’aalaa kan walakkeessa daandii Semeraa-Abalaa fi Maqaleetti geessu irratti argamtu erga to’atee booda haleellaa geggeessu finiinsee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa kaleessa akka beeksisetti konkolaattonni gargaarsaa kan WFP haleellaa sana booda Tigraayiin seenuu hin dandeenye. Ministeerri tajaajila mootummaa Selaamaawit Kaasaa VOAf akka ibsanitti haleellaa haaraa kan TPLF booda uummanni kuma 50 ta’u qe’ee ofii irraa godaanee jira.

Mootummaan naannoo sanaa kaleessa ibsa baaseen, weerara TPLF kan ittiin jedhe balaaleffatee jira. TPLF gama isaan ibsa baseen, haleellaa humnoonni mootummaa fi Eertraa naannoo sanatti geggeessantu konkolaatan gargaarsaa kan WFP Ab’aalaa akka hin seenne dirqe jedhee jira jechuun Mesfin Araagee gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG