Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Boombii Moqaadishoo Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafate


Mooqaadishoo, kaartaa guuglii irraa
Mooqaadishoo, kaartaa guuglii irraa

Magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti boombiin konkolaataa irraa mana shaayee biilsa waajjira poolisii cinatti har’a dho’e yoo xiqqaate angawoota poolisii sadii galaafachuu poolisiin biyyattii beeksisee jira.

Komiishineri poolisii Moqaadishoo Ali Hersi Barre aka jedhanitti shofeerri konkolaataa Sanaa dho’iinsa sanaan akkaan miidhamee to’annaa jala jira. Poolisiin haala isaa qorataa jiraachuu beeksisan.

Haleellaan har’aa kun kan Wixata darbe magaalaa Beledweyne keessatti raawwametti aana. Dho’iinsa sanaan yoo xiqqaate namoota ja’a dabalatee loltoota gamtaa Afriikaa lamatu madaa’an.

Ajajaan poolisii Beledweyne Koloneel Alii Dhuh Abdii gaaffii fi deebii VOA sagantaa Afaan Somaalee waliin geggeessaniin dho’iinsi sun karra buufata xayyaaraa cinatti dhaqqabe

Gabaasa sagalee...
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:11 0:00
Xurree marsariitii
Haleellaan Boombii Moqaadishoo Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:49 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG