Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Dahqqabe Nu Gaddisisee Jira: Mootumaa Itiyoophiyaa 


Haleellaa Abu Daabii
Haleellaa Abu Daabii

Biyya Tokkummaa Emeretootaa Arabaa keessatti haleellaa shoroorkeessonni gaggeessaniin siviloonnii ajjeefamuu fi madaa’uun mootummaa fi uummata Itiyoophiyaa gaddisiise jedha, ministriin haajaa alaa Itiyoophiyaa.

Maadheelee sivilootaa irratti haleellaan gaggeeffame kun gocha boddeetti hafaa fi dhala namaaf gara laafiina dhabuu akkasumas seera addunyaa cabsuu waan ta’eef Itiyoophiyaan ni balaaleeffatti jedha ibsi ba’e.

Kanneen lubbuun isaanii dabreef gadda nutti dhaga’ame ibsaa kanneen mada’aniif dafanii akka dandamatan hawwiina jedha ibsii ministrii hajaa alaa Itiyoophiyaa kun.

Biyyi tokkummaa Emereetoota arabaa haleellaan xayyaara nam-maleeyyiin irratti gaggeeffameen namoonni ajjeefamuu beeksisuun ishee ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG