Mootummaan Itiyoopiyaa Amajjii 7 bara 2022 naannoo Tirgraay kaaba gama dhiyaa keessatti kan argamuu fi buqqaatonni dhalattoota Tigraay kan keessa dadhatan keellaa mana barnootaa irratti samii irraan haleellaa raawwachuu isaa gareen mirga namaa Human rights watch beeksisee jira. Magaalaa Daddabiit irratti dirooniin boombii sadii darbachuu dhaan yoo xiqqaate lammiiwwaan nagaan 57 yoo du’an 42 immoo madaa’aniiru.
Mootummaan Itiyoopiyaa wal waraansa sana keessatti kan argame yakka waraanaa fi qorannaa hatattamaa gad fagoof kan walabaa geggeessuu dhaan kanneen badii dalagan karaa sirrii ta’een seeratti dhiyeessuu qaba. Kaaba Itiyoopiyaa keessatti walitti bu’iinsa uumame keessatti gareelee maraan dararaa uumame irraan kan ka’e mootummoonni biyya alaa gareelee wan fincilaniif gurgurtaa meeshaa waraanaa fi deggersa waraanaa irra ugguruu qabu jechuu dhaan HRW ibsaa isaa kanaan beeksisee jira.